Sagantaan qubannaa maalinni?

Sagantaan qubannaa, namoota waggoota shanan kana keessa gara Australia tti imalan, humna isaanii ijaaruu, miira abbummaa isaanii cimsuu fi walitti dhufeenya haawaasummaa isaanii fooyyesuuf isaan gargaara.

Sagantoonni garaagari garuu mata dureewwan kanneen akka gorsa fayyaa, gargaarsa maatii, gargaarsa dhuunfaa, dhiibaa imala gara Australia, uummata keessa qubachuu fi fedha gareewwan addaa dubartootaa, maanguddootaa yookin dargagootaa ilaallatan of-keessatti qabachuu ni danda’u.


Hojii-dhimmaa

Gargaarsii hojii-dhimmaa keenyaa, gara cimdaa qe’ee fi tajaajilootaatti akeekuu, gargaarsa mana jireenyaa, hojii fi baruumsa argachuu, kunuunsa fayyaa argachuu fi walitti dhufeenya aadaa uumuufaa of-keessatti qabachuu danda’a.

Ciminootaa fi fedha dhuunfaa irratti hundaa’uun hirmaatonni tajaajila gargaarsaa argachuuf, walabummaa isaaniif mijeessuu, ogummaa jiruuf jireenya isaanii fooyyesuu fi hirmaanaa hawaasaa hiika qabeessa ta’e keessatti hirmaachuuf dandeettii fi ofitti amanamummaa hirmaattotaa ni cimsina.


Misooma hawaasaa

Sagantaan misooma hawaasaa keenya, yeroo Australia keessa qubatanitti dhaamsotaa fi mata-dureewwan garee fi maatii isaanii faana walitti dhufeenya qaban irratti beekkumsaa fi hubannoo guddisuuf, gareewwan mijatoo, qajeelchota-hojii fi tursa odeeffannoo of-keessatti qabata.

Ga’ummaa

Tajaajiloonni, hirmaatota jireenya isaanii Australia waaggoota shanan jalqabaa keessatti gahoo tahaniif gitoota jalqabaa armaan gadii irratti kennamu

  • Deebitootaa namoomaa
  • Yaa’insa maatii godaantota beekkumsa afaan ingiliffaa gadi-aanaa qaban
  • Yaa’insa viisaawwan biroo fi jiraattota filatamoo yeroo murta’a

Sagantaan qubannaa akkamitti hojjata?

Hojjatoonni, Akkataa fedha hirmaataatin, dhiirota gahoo haaraa dhufan, dubartoota, daa’immanii fi maatiiwwan buqqaatotaa yookin aadaa garaagaraa irra dhufan gargaarsa hojii-dhimmaa fi humna misooma hawaasaatiin gargaaru.

Hawaasa keessatti muldhiftoota yaadota ofitti amanamummaa fi gargaarsota faayida qabeessoo deeggaraa, dandeettiwanii fi beekumsa hirmaattotaa fi hawaasaa cimsaa fi beekkamtii keennaa adeemsa ciminoota bu’ureeffate fi miidhaa irratti hundaa’e ni fayyadamna. Walitti dhufeenya aadaa faana wal-qunnamaa hawaasa Australia dhaabbataa keessatti guutumaan guutuutti akka hirmaataniif godaantota haaraa dhufanii fi buqqaatotaaf ijaarsa humnaa fi gargaarsa irratti xiyyeefanoon ni jira.

Sagantaan qubannaa namoota haaraa gara Australia tti imalaniif ofitti amanamummaa fi humna isaanii ijaaruuf adeemsa nama dhuunfaa gidduu-galeesa’e ni hordofa. Namoonni Australia keessatti tasgabbiin dabalataa akka itti dhagahamuu fi sadarkaa dhuunfaa fi hawaasaatti dandeettii fi beekkumsa akka ijaarratan isaan gargaaruf ni dhamaana.


Dalagawwan akkamiitu dhiyaata?

Sagantoonni garaagari garuu mata dureewwan kanneen akka gorsa fayyaa, gargaarsa maatii, gargaarsa dhuunfaa, dhiibaa imala gara Australia, uummata keessa qubachuu fi fedha gareewwan addaa dubartootaa, maanguddootaa yookin dargagootaa ilaallatan of-keessatti qabachuu ni danda’u.


Gara sagantaa qubannaa kanaatti namoota akkamiinan akeekuu danda’a?

Sagantaa qubannaaf karaan akeekaa seera qabeessa ta’e hin jiru. Namni nama biroo akeekuu yookin ofiif akeekuu yookin odeeffannoo dabalataa barbaade kamuu, hojjatoota sagantaa qubtummaa waajjira keenya Sunshine tti qunnamuu ni danda’a. yookin guca akeekaa irratti Imeelii gochuu ni danda’a.

Nu qunnamaa

16 Withers St, Sunshine VIC 3020
Bilb.: (03) 8595 2438
imeelii: settlement@jss.org.au

St. Albans East Primary School
Station Ave, St. Albans VIC 3021
Guyyoota hojii: Wed–Fri
Bilb. (03) 9310 7536

settlement@jss.org.au
www.jss.org.au

Turjumaana

Dhaabbanni Tajaajila hawaasaa Jesuit, dhaabbata jijjiirama hawaasaa, hawaasa haqaawaa namoonni hundi humna qaban eeganii wal-qixxummaan jiraatan ijaaruuf kan hojjatuudha. Sagantaan qubannaa tajaajila LGBTI kan of-keessatti qabateedha.